Dhaamsa Chaappiliin
Tibba Chaarlii Chaappiliin badhaasa Oskaar fudhatetti, keessummoonni bakka sanatti argaman, utuu walirraa hin kutiin daqiiqaa kudha lamaaf harka walitti rukutaniif jedhama. Sirna badhaasaa irratti daqiiqaa dheeraaf namni akka sana harki rukutameef kan hin jirre ta’uutu dubbatama. Chaarlii Chaappiliin waggoota saddeetamii saddeetiif dachee irra jiraate. Tibba dachee irra turetti gorsa ogummaa gaggaarii dhaame.
Akka jedhe:
- Dachee kana irra wanti barabaraaf jiraatu hinjiru, gidiraa jireenya keenyaa ta’u illee.
- Namni imimmaan koo arguu danda’u waan hin jirreef rooba keessa deemuu nanjaalladha.
- Doktaroonni hunda caalaatti bebbeekamoo ta’an ja’an addunyaa kana irra jiran: Aduu, boqonnaa, sochii qaamaa, soorata, mataa ofiif kabaja kennuu fi hiriyaadha. Doktarootan sitti hime kanniin yoomiyyuu itticichi.
Dhaamsa Chaappiliin nuuf dhaame kan biraan:
- Wayita ji’a addeessa argitu miidhagina Waaqaa mirkaneeffatta.
- Wayita aduu argitu jabina humna Waaqaa dhugeeffatta.
- Wayita ofilaallee yookiin daawwittii keessatti of agartu immoo uumama Waaqaa isa ol’aanaa dinqisiifatta.
Hundumti keenya imaltoota. Raawwachiisaan dhimma imala keenyaa Uumaadha. Xurreen irra deemnus isumaan tolfamee jira.
Jireenyi deemsa. Kanaaf, har’a jiraadhu malee isa boriif wabii hin qabdu.
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.