Ameerikaan Iddoowwan Gabbisa Nikulaaraa Iraan Haleelte

Ameerikaan Iddoowwan Gabbisa Nikulaaraa Iraan Haleelte

Ameerikaan Foordoo dabalatee buufataalee gabbisa nikulaaraa Iraan sadii kan haleelte yoo ta’u, haleelamuun iddoowwan kanneenitis aanga’oonni Iraan mirkaneessaniiru.

Tiraamp fi aanga’oonni biraa haleellaa Iraan irratti raawwatame kallattiin yoo hordofan suuraan Tiraampii fi ittaanaasaanii

Madda Suuraa, THE WHITE HOUSE

Doonaald Tiraamp Ameerikaan iddoowwan gabbisa nikulaaraa Iraan keessa jiran sadi irratti haleellaa raawwachuu beeksisan.

Iddoowwan kunneenis Foordoo, Naataanz fi Esfaahan kan jedhaman yoo ta’u, Ameerikaan haleellaa buufataalee kanneen irratti raawwattu xumurtee jirti jedhan.

“Fordow, Naataanz fi Esfaahaan dabalatee iddoowwan gabbiisa nikulaaraa sadan Iraan irratti haleellaa baayyee milkaa’aa ta’e xumurree jirra. Xiyyaaronni hundi amma naannoo qilleensa Iraaniin ala jiru,” jechuun miidiyaa ‘Truth Social‘ irratti barreessan.

Tiraamp itti dabaluudhaan, ”boombiiwwan guutummaan fe’aman” Foordao irratti kan darbatamee yoo ta’u, xiyyaaronni hundi ammoo gara UStti deebi’aa akka jiran himan.

Xiyyaarota Waraanaa US

Pirezdantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi aanga’oonni biroo haleellaan buufataalee nikulaara Iraan irratti yoo raawwatamu kallattiin hordofaa turan.

Kana ilaalchisee suuraaleen qoodaman akka mul’isanitti, iddoowwan gabbisa nikulaaraa Iraan sadii boombiin kan haleellaman yoo ta’u, isaan keessaa tokko bakka icciitii gabbisa nikulaaraa kan jedhamu Foordoon keessatti argama.

Garuu hangi miidhaa eddoowwan kanneen irra qaqqabee ilaalchisee kan jedhame hin jiru

Iraan iddoowwan gabbisa nikulaaraashee sadi haleellamuu mirkaneessite

Aanga’oonni Iraan haleellaan boombii buufataalee gabbisa nikulaara biyyattii sadii irratti raawwatamuu mirkaneessan.

Mirkaneeffannaa jalqabaa haleellaa boombii buufata gabbisa nikulaaraa Iraan Foordoo jedhamuun beekamurratti raawwatamuu qondaala Iraanitu kenne.

Dubbi himaan Bulchiinsa Rakkoo Bulchiinsa Qoom, Mortezaa Heydaarii, ”kutaan naannoo iddoo nikularaa Foordoo haleellaa qilleensaa jala gale” jechuusaanii dhaabbanni oduu mootummaa Iraan Tasnim gabaaseera.

Akkasumas boodarra ammoo buufataalee gabbiisa nikulaara biyyattii Naataanz fi Isfaahaanis haleellamuun mirkanaa’eera.

Itti aanaan bulchaa nageenyaa Isfaahaan, Akbaar Saalehi: “Dhohinsi hedduun Nataanz fi Isfaahaan keessaa dhaga’ameera, naannawa iddoowwan nikularaa Isfaahaan fi Naataanz irratti haleellaan raawwatamu argarreera.”

Iddoowwan haleellaa sadan duraan Tiraamp barreeffama isaanii keessatti eere amma qondaaltota Iraaniin mirkaneessaniiru.

Ministirri dhimma alaa Israa’el Tiraamp maqaansaa galmee seenaarratti warqeen barraa’e jedhan

Doonaald Tiraamp nagaa yoo loltootaaf kennan Madda suuraa, Reuters

Ministirri dhimma alaa Israa’el, Geediyoon Saa’aar, haleellaa Ameerikaan dhaabbilee gabbisa nikulaara Iraan irratti raawwachuu hordofee, maqaan Tiraamp galmee seeraa irratti warqeen barraa’a jedhan.

Aanga’aan kun barreeffama toora X isaanii irratti qoodaniin, pirezidanti Doonaald Tiraamp haleellaa kana raawwachuuf ”murtee ija jabinaan guutame” kana fudhachuusaaniitti leellisaniiru.

Itti dabaluunis, Ministirri Mummee Israa’el Beenjaamiin Neetaaniyaahuun ”murtee seena qabeessa” kana dursaniiru jedhan.

 


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading