Onnee kee To’adhu

Onnee kee to’adhu. Miira of nama tuffachiisuu fi ofitti nama farachiisu keessatti hin qabamin!

Namoonni gochaa masturbation keessatti argaman yeroo baay’ee miira gammachuu kan hin qabne yeroo baay’ee miirri of tuffachuu kan itti dhaga’amuu dha. Gochi kuni Waaqayyo biratti fudhatama akka hin qabaanne garaa isaaniitti ni amanu. Dhiibbaa hafuuratti guddachuu irraa nama ittisuu dha.

2Qor. 7:10 “Akka Waaqayyo biratti fudhatamutti gadduun yaada garaa geeddarachuu fida; inni immoo gara fayyinaatti geessa malee, nama hin gaabbisiisu; akka biyya lafaa keessatti fudhatamutti gadduun garuu du’a fida’o.” Akka sitti faradamu hin godhin! Rom. 8:1-2 irratti, “Egaa amma firdiin, warra Kristos Yesusitti qabamanii jiraatanitti faradamu tokko illee hin jiru. Seerri hafuuraa inni karaa Kiristos Yesus nama jiraachisu, seera cubbuu du’atti nama geessu jalaa si baaseera.”

Yeroo kamuu gocha ejjummaatiin cubbamaa ta’uu kee yoo yaadatte, wanti ati argite, tuqxe, yookiin dhageesse yookiin jette akkuma sitti dhaga’ameen hatattamaan gara Waaqayyootti fiigichaan deebi’uun yoo isatti garaa kee guutuu himatte, inni dhiifama siif gochuun hariiroo kee duraatti akka deebitu si taasisa. 1Yoh. 1:9 irratti akkas jedha, “cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal’ina keenya hundumaatti nu qulleessa.” Mee dhugaa armaan gadii kan namoonni baay’een sitti himuu hin barbaanne kana sittan hima;

Wal’aansoo kee daandii bilisummaa hordofuu kanatti gammaddee utuu itti jabaattuu, dogoggora uumuu fi kufuu dandeessa; MAALOO KUFAATIIN KEE AKKA SI KUFFISEE GADI SI HIN QABNE HIN HEEYYAMIN, HATATTAMAAN GARA WAAQAYYOOTTI FIIGUUN BALLEESSAA KEE HIMADHU!

1Yoh. 2:1 irratti akkas jedha, “Yaa ijoollee koo, akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan caafa; namni tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna, innis Yesus Kristos isa qajeelaadha.”

Onnee kee To’adhu

Macaafa Fakkeenyaa. 4:23 irratti “wanti jireenyaaf barbaachisu yaada garaa keessaa waan ba’uuf yaada kee ba’eessa godhii eeggadhu!” jedha. Yesus Kristos, Mat. 15:19 irratti akkas jedheera; “wanti hamaan hundinuu yaada garaa keessaa ba’awo. Isaanis nama ajjeechaa, ejjummaa, halalummaa, hanna, sobaan dhugaa ba’uu, nama salphisuu.” Kanaaf, akkamitti yaada garaa keetii to’achuu dandeessaree?

Macaafni qulqulluun Ermiyaas. 17:9 irratti “garaan namaa waan hundumaa irra jal’aadha, namnis isa qajeelchuu hin danda’u; egaa eenyutu isa beekuu danda’a ree?” jedha. Keessi garaa kee si caalaa cimaadha. Onneen kee suma mataa kee iyyuu hogganuuf dandeettii qaba. Ofii keetiin onnee kee qajeelummaatti to’achuu hin dandeessu; sababni isaa onneen kee si caalaatti baay’ee cimaadha. Suma mataa kee; abbaa qabeenyichaa iyyuu to’achuu danda’a. Garuu, Waaqayyo ni DANDA’A! Wanta ati ofii keetiif gochuu dadhabde inni siif gochuu ni danda’a.

Hafuura qulqulluu akkamitti gara onnee keetti simachuu akka dandeessu gabaabinaan waliin ilaalla. Akkuman armaan olitti siif barreessee ture, hafuurri qulqulluun dirqamaan gara kee dhufee ofii isaa sirratti hin moo’u! Dirqamaan waan ati barbaaddu irraa si hin ittisu. Hafuurri qulqulluun wal’aansoo siin hin qabu. Hafuurri qulqulluun heeyyama kee barbaada; situ ofii kee hafuura qulqulluutti of kennee, hojii gaarummaa isaa irraa hirmaata.

Hafuura Qulqulluun Gaggeeffamanii Jiraachuu Barachuu Eegali!

Armaan olitti hafuurri qulqulluun adeemsa daandii bilisummaa hordoftu irratti bifa kamiin ciminaan si gargaaruu akka danda’u irratti dubbannee jirra. Hafuura qulqulluun yommuu gaggeeffamtu adeemsa jireenya bilisummaa hordofuu keetti baay’ee gammadda.

Hafuura qulqulluun gaggeeffamanii jiraachuun ogummaa baratamuu dha; akka daa’ima xiqqoo abbaa ishee waliin deemuu hawwituu dha. Adeemsichi baay’ee dadhabsiisaa, olee fi gadee, bu’aa bahii qaba. Garuu, akkuma daa’imichi deemsa shaakaluu fi qajeelfama abbaa isaa irraa fudhatuun daa’imichi adeemsa gaarii adeemuutti guddata.

Yeroo tokko tokko tarii daa’imichi qajeelfama abbaa isaa irra daddarbuun kufuu danda’a; abbaan isaa harka qabee deebisee olkaasee adeemsichi itti fufa. Kanaafuu, adeemsichi hafuura qulqulluudhaani; isa waliin adeemuu barachuu qabda.

Gal. 5:16 “Ani garuu, ‘hafuuraan gaggeeffamaa jiraadhaa malee fedha foonii hin raawwatinaa!’ nan jedha” lakkoofsa 25 irraa, “nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, hafuura kana duukaa bu’uu keenya.” Far. 46:1 “Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya, inni rakkina keessatti gargaaraa ta’uun isaa beekameera.” 2Qor. 6:16 “manni qulqullummaa!

Waaqayyoo immoo Waaqayyolii tolfamanii wajjin waliigaltee maalii qabu? Waaqayyo jiraata dha, nuyis mana qulqullummaa isaati; Waaqayyo ofii isaatii, “Ani isaan bira nan buufadha, isaan gidduus nan deddeebi’a; ani Waaqayyo isaanii nan ta’a, isaanis saba koo in ta’u” jedheera.” Itti fufaa dubbisaa!

 


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading