Haleellaa Israa’eliifi Iraan oduu ijoo addunyaati. Nuyis waan bitaa mirga jiru jala jalaan isin biraan gahaa jirra.
Teel Aviiv fi Jerusaalam keessa dhohiinsa guddaatu jira, Israa’el ammas Iraan haleeluuf
Karoora Israael
Pirezidantiin US Donaald Tiraamp karoora Israa’el dursaa amantaa Iraan Ayaatoolaa Ali Kameenii ajjeesuuf yaadde diduutu gabaafame.
Haa ta’u malee, turtii ABC News waliin Ministirri Muummee Israa’el Benjaamin Netaaniyaahuu taasisaniin aangawaa olaanaa Iraan kana ajjeesuuf akka karoora qaban dubbatan. Kameenii ajjeesuun ‘’walitti bu’iinsa xumura itti tolcha’’ akkasumas waraana niwukilaraa ni hambisa jechuun himan.
Kuni Kaameenii Carraa Maalii Kennaaf?
“Akka yaada kiyyaatti bulchiinsa isaanii baraaruun kaayyoo isaanii ijoodha,” jechuun qondaalli olaanaa US, Jeeferii Feldimaan BBC Newshour’tti himaniiru. Sababa kanaaf bulchiinsa isaanii baraaruuf ‘Seexana waliin mari’achuyyuu’ walii galuu danda’u jedhu. Kaameniin Ameerikaatiini Seexana kan jedhan. Feldimaan tarii Iraan filmaata biraa hordofu maluus jedhu – loluu.
Namoonni baay’inaan Tehiraan gadhiisanii bahaa jiru. Konkolaataan hedduun gama lixa magaalaa Tehiraaniin bahaa jira.
Duratti Pirezidantiin US Donaald Tiraamp, “namni hunduu atattamaan Teehiraan gadhiisee bahuu qaba’’ jechuun miidiyaa hawaasummaa gubbaa barreessanii turan.
Haleellaa Israa’eliifi Iraan kanaan Israa’elis jiraattonni gama kaaba-baha Tehiraan jiran akka gadhiisanii bahan ajajjeetti.
Lammiileen Iraan haala amma keessa jiran irratti wayita dubbatan, hunduu ”ugguramneerra” jedhan
Donald Tiraamp maal jedhan
‘Namni hunduu hatattamaan Teehiraan gadhiisee bahuu qaba’ – Tiraamp
Yeroo Israa’el ‘samii magaalaa Teehiraan to’adhe’ jette kanatti Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ergaa dhaamaniiru.
Pirezidantiin Donaald “namni hunduu atattamaan Teehiraan gadhiisee bahuu qaba’’ jechuun miidiyaa hawaasummaa gubbaa barreessani.
Dhaamsa Waraana Israael
Waraanni Israa’elis jiraattonni kaaba-baha Tehiraan gadhiisanii akka bahan akeekkachiisa kennaniiru.
Kunis, “caasaalee waraanaa’’ bakkicha jiranirratti haleellaa raawwachuun dura akeekkachiisa bahedha.
Akka gabaasa Rooyitarsiitti, gaafa Kibxataa ganama magaalaa Tehiraan keessatti dhohinsi akkasumas ibiddi ittisa humna qilleensaa jabaan dhagahameera.
Gabaasa Tv Iraaan
TVn mootummaa Iraan waraanni Iraan Israa’eloonni haleellaa dabalataatiin dura akka baqatan akeekkachiisa kenneera jechuun gabaasan.
Har’a gara ganamaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti ambaasaaddarri Iraan Amiir Sa’iid, Iraan ofirraa ittisuudhaaf mirga akka qabduufi ”duulawwan qollachuu barbaachisaa” raawwatteetti jedhanii ture.
Haleellaan maalirratti xiyyeeffate
Haleellaan sunis kan kallattiidhaan ”addatti meeshaalee waraanaa [Israa’el] fi bu’uuraalee isaan wal qabatan” irratti kan xiyyeefateedha jedhan.
“Haata’u malee, Israa’el itti yaaddee haala hammachuu fi gocha weerara ishee itti fufee jiru hordofuun… Iraan, qajeelfama waliin kan wal walsimu, kan bu’uuraalee misoomaa addaa Israa’el keessatti xiyyeeffachuun tarkaanfiiwwan dabalataa akka galma seera qabeessaatti, bakkeewwan weerara ishee itti fufee jiru haala qabatamaan deeggaran irratti tarkaanfii fudhatteetti,” jechuun xalayaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif barreessan keessatti ibsaniiru.
Akkasumas, Israa’el namoota nagaa fi bu’uuraalee misoomaa siiviilii irratti haleellaa raawwatte jechuun himatan.
Har’a gara ganamaa keessa ministirri mummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun haleellaa Israa’el fi kan Iraan gidduutti garaa garummaa jiru ibsuuf wayita yaalaniitti, Israa’el yaaddoo nikulaaraa fi misaa’ela irratti xiyyeeffattee jirti jechuun, Iraan namoota nagaa irratti xiyyeeffatte jechuun himataniiru.
Baayina Namoota Miidhamanii
Ministeerri fayyaa Iraan Israa’el erga guyyaa Jimaata haleellaa biyyattiirratti raawwachuu eegaltee as yoo xiqqaate namoonni 224 ajjeefamuu yoo ibsu, gama Israa’elitiin ammoo aanga’oonni haleellaa Iraan raawwateen namoonni 24 du’uu himan. Dhimmoota Ijoo Israaeliifi Iraan
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.