Yeroo Kadhannaa Kristaanotaa

yeroo-kadhannaa-kristaanotaa

Kadhannaatti kan Laaftan Hundaaf

Akkam Jirtu Obboloota Kiristaanaa fi Obboloota Muslimaa

Har’a yeroo kadhannaa kristaanotaa waliin ilaalla. Sababni isaas Muslimoonni tokko tokko Kiristaanummaa keessa yeroon kadhannaa (praytime) kan hin jirre (waan rafan) waan itti fakkaateef. Amantoonni yookiin kiristaanonni yeroo kadhannaa hin raawwatan jechuu miti. Kiristaanonni yeroo kadhannaa (7) kan qaban yoo ta’u, Muslimoonni immoo guyyaatti yeroo (5) kadhannaa raawwatu.

📖 Faarfannaa 119:164
164 “Firdii kee isa qajeelaa sanaaf, guyyaatti si’a torba sin jajadha.”

Daawit guyyaatti si’a torba Waaqayyoon galateeffata, kanaaf Kiristaanni tokko guyyaatti si’a torba Waaqayyoon galateeffachuu qaba jedheera.

🕖 Kadhannaa jalqabaa sa’aatii 12 (kadhata ganamaa)

📖 Faarfannaa 5:3
3 “Yaa Waaqayyo, ganama sagaleen koo si biratti in dhaga’ama, ganama ofii koo siif nan qopheessa, gara kees nan ilaala.”

Akkuma armaan olitti ilaalle Daawit ganama Waaqayyo duratti akka dhiyaatu waan mirkaneesseef, namni tokko ganama (sa’aatii 12) akka kadhatu seerri kiristaanaa ni ajaja.

🕖 Kadhannaa Waaree boodaa (ganama sa’aatii 3)

📖 Faarfannaa 55:16-17
¹⁶ Ani garuu Waaqayyoon nan waammadha, gooftichis ana in oolcha;
¹⁷ galgalaa fi ganama, waareettis, isatti nan himadha, isatti nan boo’as, innis sagalee koo in dhaga’a.

Kunis ganama sa’aatii sadiitti kadhannaa jiru kan agarsiisu yoo ta’u, Hojii Ergamootaa 3:15 irratti ergamoonni sa’aatii sadii waaree booda hafuuraan dubbachuu kan jalqaban yoo ta’u, lakkoofsa 3 irrattis akka dubbatan ibsameera.

🕖 Kadhannaa sadaffaa (sa’aatii 6 yookiin sa’aatii walakkaa)

📖 Hojii Ergamootaa 10:9-10
⁹ Borumtaas warri ergaman utuu adeemanii mandara Yopheetti dhi’aatan. Phexros immoo akka sa’aatii ja’affaatti kadhachuudhaaf bantii mana isaanii isa diriiraatti ol ba’e.
¹⁰ Inni yommus beela’ee, waan nyaatu barbaade; garuu utuu nyaanni isaaf qophaa’uutti jiruu, of wallaalee mul’ata arge.

Akkasumas, Pheexiroos sa’aatii walakkaa (sa’aatii 6tti) kadhannaa akka godhu ni argina, yeroo kadhatu nyaata akka hin nyaannee fi beela’e Daawit sa’aatii walakkaa yookiin sa’aatii 6tti akka kadhatu dubbateera.

📖 Faarfannaa 55:16
¹⁶ Ani garuu Waaqayyoon nan waammadha, gooftichis ana in oolcha;
¹⁷ galgalaa fi ganama, waareettis, isatti nan himadha, isatti nan boo’as, innis sagalee koo in dhaga’a.

🕖 Yeroo kadhannaa kristaanotaa afraffaan kadhata sa’aatii sagaliiti

📖 Hojii Ergamootaa 3:1
1 Pheexiroosii fi Yohaannis yeroo kadhannaa saʼaatii sagalitti gara mana qulqullummaa ol baʼu turan.

Akkuma kana ilaalle ergamoonni sa’aatii sagalitti gara mana qulqullummaa deemanii kadhannaa waan godhaniif sa’aatii sagalitti kadhate.

🕖 Yeroo kadhataa kristaanotaa shanaffaan kadhata sa’aatii 11 ti

📖 Faarfannaa 141:2
2 “Kadhanni koo akka ixaana aarfamuutti, harka koo gara keetti ol qabuun koos akka aarsaa galgalaatti si duratti anaaf haa fudhatamu!”

− galgala jechuun sa’aatii 11tti jechuudha Daawit kadhannaa Serek nan kadhadha jedhe waan ta’eef amantii Kiristaanummaa keessatti kadhannaan kuni ni jira.

🕖 Yeroon kadhataa ja’affaan halkan kutaa jalqabaa sa’aatii 3ti

📖 Faaruu Ermiyaas 2:19
19 “Akka eegdotaa yeroo yerootti dammaqiitii ka’ii iyyi! Gadda garaa keetii Waaqayyo duratti gad jijjigsi! Lubbuu ijoollee keetii warra beela’anii, walga’ii karaa hundumaa irratti kukkufaniif harka kee gara isaatti ol qabiitii isa kadhadhu!”

− Macaafni Qulqulluun amma iyyuu yeroo yerootti dammaqanii akka isa kadhatan dubbata.

🕖 Kadhata halkanii isa dhumaa fi torbaffaan sa’aatii 6 dha

📖 Hojii Ergamootaa 16:25
25 “Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas Waaqayyoon kadhatanii faarfatan; warri hidhaman immoo isaan in dhaggeeffatu turan.”

⁻ Akkuma ilaalle ergamoonni kadhannaa halkanii yookiin kadhata sa’aatii 6 kana utuu mana hidhaa jiranii akka raawwatan ni hubanna.

Egaa akkuma ilaalle bifa macaafa qulqulluutiin Kiristaanummaan yeroo kadhannaa 7 kan qabu yoo ta’u, torban isaanii iyyuu Kiristaana keessatti soomaa fi sagada waliin guyyaa tokkotti kan raawwatamanidha. Kanaaf obboleewwan keenya musliimaa nuti kadhannaa fi of kennuu guddaa akka qabnu ragaadhaan agarsiifneerra. Isinillee gara amantii, kadhannaa dhugaa, Kiristaanummaatti isin haa gaggeessu. Ameen!


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

One thought on “Yeroo Kadhannaa Kristaanotaa

  1. Waaqayyoo ayyaana isiniif dabalu barnoota sammuuf jireenya namaaf waldhaanudhaa karaan kitaaba guutummaa Isaa argachuu Danda’u jiraa.online barachuu akkamitan dandeenya

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading