Seensa
Dhalachuu fi Guddina Isaa
Waa’ee Dhaloota Yesus Kristoos jalqaba irraa kaafnee yommuu ilaallu, Waaqayyo jalqabatti Samii fi Lafa, itti aansuunis ifa, dukkana, bishaanota, bineensotaa, simbirroota fi wanta lafarra jiran hunda erga uumee booda namas immoo in uume. Uumama kana hundumaa keessaa namni akka bifaa fi fakkaattii Waaqayyootti uumame. Kunis immoo waanuma uumame hundumaa irratti ol-aantummaa akka qabaatuuf ta’e. Ergasii Waaqayyo waanuma hojjete hundumaa ilaale, innis baay’ee gaarii akka ture dhugaa bahuun uumuu isaa raawwate.
Kana booda garuu taateen seera uumamaa isa jalqabaa jeequ tokko uumame. Namichi inni jalqabaa uumama hundumaa irratti akka bituuf aboon kennameef sun akka bitu kan isa dandeessise abboommii tokkicha Waaqayyo isaaf kenne hojiirra oolchuu ture. Inni garuu seexanaan gowwoomfamee abboommii sana cabsuun Waaqayyoon gaddisiise, ilmi namaas cubbuu isa jalqabaa hojjete, gatiin cubbuus du’a waan ta’eef du’i ni dhalate.
Abboomamuu Diduu Namaa
Abboomamuu diduun uumaaf uumama walitti buuse, namnis aboo ittiin uumama bitaa ture sana of harkaa baase. Amma Waaqayyoo fi namichi, dhaloonni isa booda jiranis sababa sanaa namicha jalqabaa wajjin ta’uun Waaqayyotti diinomaniiru. Cubbuun erga nama irratti mo’ee, duutis isumaa wajjin dhala namaa hunda irratti aboo argate. Egaa eenyutu dhala namaa dhukkuba “cubbuu” jedhamu kana irraa qulleessa gaaffii jedhuuf deebiin takkaa utuu hin argamin baroonni kumaatamni lakkaa’amanii turan. Waaqayyo inni waan hundumaa beeku garuu namichi akka yakku dursee waan beekuuf akkamiin akka namicha deebisee fayyisus dursee qopheessee ture. Karichi Waaqayyo nama yakka hin qabne, qajeelaa kan ta’e tokko akka qoricha cubbuu ta’ee dhaabatuuf ergee gatii cubbuu hunda isa kaffalchiisee; isa irraa akka haaraatti namoonni qajeelonni akka dhalatan gochuu ture. (1Qorontos 15:47)
Dhalachuu Yesus
Waa’ee dhaloota Yesus Kristoos yommuu ilaallu, namni dadhabaa ta’ee abboomamuu diduudhaan cubbuudhaan erga kufee duuti sanyii namaa hundumaatti ni dhufe. Waaqayyo uumaan namni inni jalqabaa abboomamuu dhiisuun erga diinomee booda nama lammaffaa kan qulqulluu fi qajeelaa ta’e qopheessuun isa irraa akka haaraatti namoota qajeelota ta’an baay’isuun yaada isaa ture.
Namichi lammaffaa kunis Yesus jedhama. Yesus kun akka namicha isa jalqabaa biyyoo lafaa irraa kan uumame utuu hin ta’in ofii isaatii iyyuu hafuura isa namaaf jireenya kennu dha. Inni kun maddi isaas lafa irraa utuu hin ta’in, Waaqa irraati! (1Qorotos 15:45 fi 47). Garuu kan inni mul’ifamu namattii dhalachuun waan ta’eef barri Waaqayyo mure kun gahee namni inni qulqulluun sanyii namaa haaraa ta’u dhalachuun abdii tokkicha nama isa Waaqayyo irraa fagaatee tureeti.
Yesus namoota addunyaa kana irratti dhalatanii turan keessaa baay’ee falmisiisaa fi waggoota kuma lamaan darbaniif akka mata-duree ta’eetti jiru dha. Wantoonni baay’ees dhalachuu isaa irraa kan ka’e jijjiiramaniiru. Eenyummaa namni Waaqa uumaa isaa duratti qabu, beekumsa eenyummaa namni Uumaa isaa Waaqayyoof qabuu fi haalli lakkoofsa waggootaa illee jijjiiramuun fakkeenya muraasa.
Akkaataa Dhaloota Yesus Kristoos
Waa’ee dhaloota Yesus Kristoos barootaan dura iyyuu saba inni keessatti dhalatetti afaan raajota garaa garaan dubbatamee waan tureef abdiidhaan eegamaa ture. Akkasitti guyyaa tokko ergamaan Waaqayyoo Gabri’el kan jedhamu Waaqayyo biraa gara intala durbaa kaadhimamtee; biyya Israa’el keessaa kutaa biyyaa Galiilaa mandara Naazireet jiraattuutti ergame.
Ergamichis “Yaa Maariyaam, Waaqayyo biraa ayyaana argatteetta hin sodaatin! Kunoo, in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi! Inni guddaa in ta’a ilma abbaas jedhamee in waamama, Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf. Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo’a, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu.” jedhe (Luq. 1:30-33). Akkuma kanaatti dubbiin raajii sun raawwatamee, waan ta’ee hin beekne akka milikkitaatti ta’uun durbi durbummaamaan utuu jirtuu in ulfoofte, yeroon ishee yeroo gahes ilma in deesse.
Gaaffiin durbi akkamiin ulfoofti? Jedhu yaadatti si dhufeeraa? Eeyyee durbeen Maariyaam illee yeroo sagalee ergamichaa dhageesse gaaffiima kana gaafattee turte. “Anoo amma illee durba, kun attamitti ta’uu danda’a?” jettee ergamicha gaafatte. ( Luq. 1: 34).
Gaaffii ishee kanaaf immoo deebiin Waaqa biraa ergameef immoo Maariyaam yommuus, Ergamichi immoo, “Hafuurri qulqulluun si irra in bu’a, humni abbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama. Kunoo, firri kee isheen sitti aantu Elsaabex, dhabduu jedhamaa kan turte, bara dulluma isheetti ilma godhachuudhaaf erga ulfooftee, ji’a ja’affaa ishee ti. Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru” jedhee deebiseef (Luq. 1:35- 37).
Yesus Eessatti Dhalate?
Gaaffii namni nama baruu barbaaduuf dhiyeessu keessaa tokko “eessatti dhalate?” gaaffii jedhu dha. Egaa waa’ee Yesus keessaa dinqiin tokko durba irraa dhalachuu isaa yoo ta’es; bakki inni itti dhalates akkuma dhaloota isaa dinqii ture. Akka namoonni dhalachuu isaa eegaa turan tarii tilmaamaa turan mana mootummaa yookiin bakka guddaa fi ulfina qabeessa ta’e tokkotti hin turre. Bakka hin eegamneef gad-deebi’aa ta’e dallaa horii ture malee. “Betlihem utuu jiraniis (Maariyaamii fi Yoseef kaadhimaan ishee), yeroon Maariyaam itti deessu ga’e. Angafa ilma ishee deessee, lafa bultii kara-deemtuutii iddoo hin arganne waan turaniif, wayyaa itti martee, siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite. (Luq. 2: 6-7) Egaa inni qulqulluu fi ilma Waaqayyoo jedhame Yesus bakki inni itti dhalate dallaa horii ture jechuu dha.
Eenyutu Jalqaba Mucicha Dhalate Arge?
Erga Yesus dhalatee namoonni jalqaba guddummaa isaa hubatanii isaaf sagaduudhaaf gara bakka sanaa dhaqan ammallee gurguddoota, mootota hin turre, eenyu seeta? Tiksee naannoo sanatti halkan hoolota isaanii tiksaa turantu warra dura mucicha argan ta’e. “Tiksoonni tokko immoo naanna’aa sanaa bakkeetti halkan darabeen dammaqanii, hoolota isaanii in eegu tura. Ergamaan Waaqayyoo dingata isaan dura dhaabbatee, hin sodaatiinaa! Kunoo, ani misraachoo gammachuu guddaa isinittan hima’o, kunis saba hundumaaf kan ta’u dha. Har’a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha.” Jedhe (Luq. 2: 8-11).
Ergamaan tiksootatti misraachoo hime milikkita isaaniif kennee waan tureef, Tiksoonni yeroo bakka jedhaman dhaqan akkuma ergamaan isaanitti himetti Maariyaam, Yoseef fi mucichi immoo siree horiin keessaa nyaatu irra ciisee argatan. Akkasitti “tiksoonni sun isa ergamoonni Waaqayyoo itti himan hundumaa dhaga’anii, akkuma itti dubbatametti ija isaaniin waan arganiif, Waaqayyoof hooqubaa dhiyeessaa galateeffachaas gara iddoo isaaniitti deebi’ani.” (Luq. 2:20).
Galanni, hooqubaan bara baraan Waaqayyoof haa ta’u!
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.