Maaliif Akka Fiigdu Beeki

Qajeelfamni kaayyoo yookiin galma waan tokkoo biraan nama geessisu yeroo hundumaa gaaffii “maaliif” jedhu of gaafachuudha. Fiigicha utuu hin jalqabin dura, maaliif akka fiigdu beeki!

Fiigicha kee keessatti wantoota afran kana beekuu qabda:

  1. Eessaa akka kaate,
  2. Eessa akka geesse,
  3. Amma maal gochaa akka jirtu,
  4. Maal ta’uufis akka jirtu

Filp. 3:14 “Akeeka sana bira gahee gonfoo warra moo’anii argachuu dhaaf nan kaadha; gonfoon warra mo’anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kristoos Yesuus itti ol nu waame dha” Ergamichi Phaawulos, bara tajaajila isaa keessatti (1) EESSAA AKKA KA’E, (2) EESSA AKKA GA’E, (3) AMMA MAAL GOCHAA AKKA JIRU, (4) MAAL TA’UUFIS AKKA JIRU of duratti ilaalaa nama fiigu dha. Nama kaayyoo fiigicha isaa gamaggamudha. Galma isa fiiguuf sana cimsee adda baafatee waan jalqabeef inni of fuulduratti ilaalaa deemu galmichi wantoota baay’ee akka inni TUFFATEE BIRA DARBU isa godheera. Kan biraan hafnaan:

1 – Qomoo isaa, ulfina Yihuudummaa isaa. (Filp. 3:5-8) “Dhaladhee gaafa saddeettaffaan dhagna qabadhe, sanyii Israa’el, gosa Beniyaamin keessaan dhaladhe. Abbaan koo fi haati koo Ibroota waan ta’aniifis ani Ibricha makaa hin qabne dha; karaa seera eeguu immoo ani warra fariisotaa keessaa tokko… Amma garuu Kiristoosiif jedhee, wanta bu’aa anaaf qaba ture hundumaa akka waan gatameetti lakkaa’eera.”

2 – Lubbuu ofii isaa illee tuffateera. (HoE. 20:24) yoo dubbifne, Phaawuloos biratti gatii kan qabu jireenya (jiraachuu isaa) otuu hin ta’in isa itti waamamee fi ergaa isa harka jiru iddoon gahuu dha. “Haa ta’u iyyuu malee, hojiin wangeela ayyaana Waaqayyoof dhugaa ba’u, gooftaa Yesuus biraa anatti kennameera. Ani immoo ergaa koo fi hojii koo kana raawwachuu duwwaa nan barbaada; kana irraa kan hafe jireenya koo akka waan gatii anaaf qabuutti hin lakkaa’u.”

Jireenyi isaa kun immoo Gooftaa Yesuus wajjin wal isa fakkeessa. Yesuus, (Yoh. 4:34) “Nyaanni kan koo jaalala isa na ergee gochuu dhaaf hojii isaa raawwachuu dha” jedhe. Kana irraa kan ka’e immoo dhuma irratti, “Wal’aansoo isa gaarii sana dhaabadhee qabeera; dorgommee koos raawwadheera, amantiis eegeera. Kanaa achis gonfoon qajeelummaa anaaf kaa’amee jira; gooftichi abbaan firdii inni qajeelaan guyyaa sanatti gooftichi anaaf in kenna; ana duwwaaf otuu hin ta’in, warra deebi’ee mul’inatti dhufuu isaa jaallatan hundumaafis in kenna.”
(2Xim. 4:8)

Fiigicha Dhokataa

Dubbisa kana keessatti fiigichi kee inni dhokataan (dhoksaadhaan kan hawwitu) maal akka ta’ee fi erga iddoo gahee garamitti akka si geessu hubachuu ni dandeessa.

Simi’oon (HoE. 8:8-22) dibata guddaa, humna hafuura qulqulluu, barbaada ture. Haa ta’u iyyuu malee ittiin Waaqayyoon gammachiisuu yookiin immoo ittiin Wangeela babal’isuuf miti. Ittiin maallaqa argachuuf hawwa.

Gi’aaz carraa nama Waaqayyoo wajjin jiraachuu isaatti fayyadamee qabeenya kuufachuu barbaada.

Yihuudaan carraa bartuu Gooftaa ta’uu isaatti fayyadamee, horii saama, horii maddisiisuuf galgalaan Yesuusii fi bartoota warra kaan jalaa miliqee adeema. Inni garaa isaa keessatti moo’ee jiru ulfina itti waamame isa gachisiise.

Inni nu keessatti moo’ee jiruu fi kaayyoon jireenya keenyaa isa waamicha, ayyaanaa fi dibata Waaqayyoo nu gachisiisu moo isa ulfina waamichichaa fi ayyaanicha nu argachiisu dha laataa? Abrahaam waamicha qaba. Kaayyoon garaa isaa keessatti moo’ee jirus waamicha Waaqayyoo ti. Inni waamicha Waaqayyo isaa godheef nama ulfina kennu ture. Loox garuu firooma ilaalee deema. Kan inni ilaalu ‘Attam godheen wasiila koo kophaa biyya hin beeknetti gad-dhiisa?’ Tarii yoon isaa wajjin adeeme carraa gaariitti yoo inni bahe anis fayyadamaa ta’aa laata…?’ jedhee waan duukaa ka’e fakkaata. Inni garuma adeemutti egaa carraa ittiin ‘waa ta’u’ barbaaddata.

Kanaafuu gaafa Abrahaam filadhu jedhe, ‘Eessa jira Waaqayyo?’ hin jenne. Ariifatee lafa magariisa filate. Kaayyoon adeemsa isaas kanuma waan ta’eef. Haa ta’u iyyuu malee fiigichi inni akkas of gatee fiige kun dhuma irratti harka qullaa isa hambise. Araamummaa sanyii isaa keessatti fide. (Um. 13:7-13).

Yaa saba Waaqayyoo, mee gaaffii muraasan isin gaafadha:
Fiigaa jirraa? Isin fiigaa jirtuu?___
Maal of fuulduratti ilaaltanii?___

Hojjechuun, guddachuun, barachuun, duroomuun, beekamuun,… (kan biraas itti dabaladhaa) gaarii dha. Garuu maaliif? Isa booda hoo? Inni immoo dabaree isaa maalitti si kenna? Maaliif akka fiigdu beeki!


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

3 thoughts on “Maaliif Akka Fiigdu Beeki

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading