Dubbiilee Mahatammaa Gaandii

Dubbiilee Mahatammaa Gaandii (Mahatma Gandhi Quotes)

Jijjiirama addunyaa kana irratti arguu barbaaddu ta’i!

Akka waan boru duututti jiraadhu. Akka waan bara baraan jiraattutti baradhu!

Ijji bakka ijaa kan jedhu, addunyaa guutuu jaamsuu danda’a. Kana jechuun (Ija kan balleesse ijji isaa haa badu kan jedhu, addunyaa guutuu jaamsuu danda’a jechuudha.) (An eye for an eye will only make the whole world blind.)

Gammachuun yeroo wanti ati yaaddu, wanti ati dubbattuu fi wanti ati hojjettu walsimatuudha.

Yeroon abdii kutadhu seenaa hunda keessatti karaan dhugaa fi jaalalaa yeroo hunda akka mo’ate nan yaadadha. Gabroomfattoonni fi ajjeestoonni ni jiru; yeroo muraasaaf kan hin mo’amne fakkaachuu danda’u. Dhumarratti garuu, yeroo hunda ni kufu. Mee itti yaadi! Yeroo hunda kufu.

Warri dadhaboon gonkumaa dhiifama gochuu hin danda’an. Dhiifama gochuun amala warra jabaati.

Bakka jaalalli jiru jireenyi jira.

Kadhannaan gaafachuu miti. Hawwii lubbuuti. Guyyaa guyyaan dadhabina ofii fudhachuudha. Dubbii qalbii hin qabne irra onnee dubbii hin qabne qabaachuun kadhannaa keessatti wayya.

Kiristoos kee nan jaalladha, Kiristaanota kee hin jaalladhu. Kiristaanonni kee akkasitti Kiristoos kee irraa adda. (I like your Christ, I do not like your Christians. Your Christians are so unlike your Christ.)

Bilisummaan, bilisummaa dogoggora hojjechuu yoo hin dabalanne qabaachuun gatii hin qabu. (Freedom is not worth having if it does not include the freedom to make mistakes.)

Heeyyama koo malee namni na miidhuu hin danda’u.

Waaqayyo amantaa hin qabu.

Cubbuu jibbi, cubbamaa jaalladhu!

Namni tokkollee miila xuraa’aan sammuu koo irra akka deemu hin heeyyamu!

  • Amantiin kee yaada kee ta’a!
  • Yaadni kee dubbii kee ta’a!
  • Dubbiin kee gocha kee ta’a!
  • Gochi kee amala kee ta’a!
  • Amalli kee duudhaa kee ta’a!
  • Duudhaaleen kee hiree kee ta’u!

Namummaatti amantaa dhabuu hin qabdu. Dhalli namaa akka galaanaati. Cophni galaanaa muraasni yoo xuraa’e galaanni hin xuraa’u!

Karaan of argachuu dandeessan inni gaariin tajaajila namoota biroo irratti of dhabuudha. (The best way to find yourself is to lose yourself in the service of others.)

Gochi jalqabaa ganama hundumaa guyyaa sanaaf murtoo armaan gadii gochuu haa ta’u:

• Lafa kanarra nama tokkollee hin sodaadhu!

• Waaqayyoon qofa nan sodaadha.

• Nama kamiyyuu irratti fedhii hamaa hin qabu!

• Nama kamiiniyyuu jal’inaaf hin bitamu!

• Soba dhugaadhaan nan mo’a. Soba mormuu keessattis gidiraa hundumaa nan obsa.

Fuuldurri waan har’a hojjettu irratti hundaa’a.

Namni bu’aa yaada isaati. Waan yaadu ta’a.

Guddinni saba tokkoo fi guddinni naamusaa isaa akkaataa namoonni isaa itti ilaalamaniin murtaa’uu danda’a.

Namni yeroo baay’ee waan ofitti amanu ta’a. Waan murtaa’e tokko hojjechuu akkan hin dandeenye ofumaan yoon itti fufe, dhuguma dandeettii dhabuudhaan xumuruun koo ni mala. Faallaa kanaatiin, nan danda’a jedhee amantaa yoon qabaadhe, jalqaba irratti qabaachuu baadhus dandeettii hojjechuu akkan horadhu hin shakkisiisu.

Gocha tokkoon qalbii tokkoof gammachuu kennuun yeroo kuma tokko kadhannaaf sagaduu irra wayya. (To give pleasure to a single heart by a single act is better than a thousand heads bowing in prayer.)

Halkan hundumaa yeroon rafu nan du’a. Borumtaa isaa ganama yeroon hirribaa ka’u immoo deebi’ee dhaladha.

Lafti fedhii nama hundumaa guutuuf gahaa ta’e ni kenniti! Araada nama hundumaa garuu miti.

Waan tokkotti amanuun, jiraachuu dhiisuun, amanamummaa dhabuudha.

Addunyaa kana irratti namoonni akka malee beela’an jiru, Waaqayyo bifa buddeenatiin malee isaanitti mul’achuu hin danda’u.

Ogummaa ofii irratti garmalee mirkaneeffachuun ogummaa miti. Jabaan laafuu akka danda’u, ogeessi dogoggoruu akka danda’u yaadachiisuun fayya qabeessa.

Guyyaa humni jaalalaa, jaalala aangoo irra darbu addunyaan nagaa ni beekti.

Itti fufaa dubbisaa!

 


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading