Eenyummaan Dhugaa Maalidhaan Mul’ata?
“Loomiin yeroo cuunfamu eenyummaan dhugaa isaa fi dhamdhamni barbaadamu ni ba’a” jedhama. Kaayyoon loomiin cuunfamuuf dhandhamni barbaadamu akka argamuufidha. Cuunfamuun loomii dhandhamni barbaadame akka argamu taasisa jechuudha.
Wantoonni si mudatanii fi haalli ati keessatti of argattu eenyummaa kee sirrii, dhamdhama keessa keetii gadi baasanii mul’isu. Jijjiiramni eenyummaa kan maddu waan itti yaadanii raawwatan irraati.
Mee fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu!
• Maallaqa qabaachuun arjaa yookiin araadaa nama hin taasisu, garuu arjummaa yookiin araadummaa nama keessa jiru carraa ittiin gadi baasee mul’isuudha.
• Waltajjiin miidiyaa hawaasaa itti fayyadamnu barsiisaa yookiin nama gadhee hin taasisu, amala barsiisummaa nama keessa ture yookiin amala nama miidhuu keessa namaa jiru garuu carraa baasee mul’isu qabaata.
• Namaan dagatamuun kophaa ta’uun nama jabeessuu yookiin dadhabaa nama hin godhu, humna yookiin dadhabina nama keessa ture qofa baasee mul’isa.
• Aangoo argachuun nama gad of deebisee tajaajilu yookiin abbaa irree, manca’aa fi faayidaa ofiif qofa kan dhimmu nama godha utuu hin taane, gadi of deebisuu yookiin abbaa irrummaa amala gadhee nama keessa ture gadi baasee carraa argisiisuu qaba malee. Taateen yookiin sadarkaan namni tokko keessa darbu yeroo hundumaa eenyummaa dhugaa namni qabu carraa baasee argisiisuu qabaata.
Waan tokko galmaan gahuuf yookiin haala kamiyyuu keessa utuu hin seenin dursa of qoradhu, of irratti hojjedhu! Haalonni kamiyyuu jireenya kee keessatti yommuu si mudatan eenyummaan dhugaa kee kallattii ittiin mul’atu ta’uu isaa beektee carrichatti gargaaramuu sirra jiraata. Yoomiyyuu gaarummaan jireenya kee irraa haa calaqqisiifamu!
Of irratti hojjechuu jechuun,…
1. Kaayyoo kabajamaa, ulfina qabeessaa fi jireenya hawaasummaaf bu’aa buusu hordofuu.
2. Amaloota kaayyoo kabajamaa sanaaf mijatan irratti hojjechuu.
3. Naamusa kaayyoof malu gonfachuudha.
Waan dubbiftaniif Galatoomaa! Maxxansa walqabatoo biroo dubbisaa!
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.