Barruun Maalifan Masturbation Raawwadha jedhu kun amalaa fi taatee dhugaa nama “John Seyifunmi Balogun” jedhamu irraa kan isiniif qoodameedha.
Maalifan Masturbation Raawwadha Jechuun yommuun of gaafadhu, sababa lammaffaan pornogiraafii / fakkii qullaa argisiisu ilaaluu dha. Yeroo jalqabaatiif bilbila koo ‘Nokia phone’ jedhamuun fakkii dubaraa qullaa jirtu kanan ilaale dagachuu hin dandeenye. Xiyyeeffannoo utuu itti hin kennin waa’ee fakkichaa yaadun jalqabe; akkasumas utuun hin beekin qaama qullaa sana irra deebi’ee ilaaluuf nan hawwe; yeroo sana yaada masturbation gochuutiin liqimfamuu koo nan yaadadha.
Hawwii Uumamu
Akkuman baay’inaan fakkicha ilaalu, baay’inaan masturbate gochuuf hawwiin na keessatti uumama ture. Yerootti, fakkii sanaan fedhiin koo waan hin guutaminiif viidiyoo dabalataa (blue film) ilaalaa ture. Yeroon gocha sanatti hirmaadhu miira of ceepha’uu fi of tuffachuu natti dhaga’ama ture. Fuula Waaqayyoo duratti jilbeenfadheen cubbuu koo himadha. Waaqayyoon jibbuu koo miti. Waaqayyo akkan isa waliin deemuu barbaadu ni beeka; garuu haalichi baay’ee ulfaataa ture. Yaadadhu, amma illee maaliif masturbation raawwatta? yaada jedhu irrattin dubbataa jira. Seenaa mataa koon sitti himaa jira; atis maaliif masturbation akka raawwattu yaadachuuf akka si gargaaru.
Kophaa ta’uu
Sadaffaa irratti, sababni ani argadhe, gocha masturbation kanan raawwadhu yeroo hundumaa
kophaa koo yoon ta’u dha. Yeroo baay’ee kophaa yommuun ta’u, yaadni saalqunnamtii sammuu koo keessa dhufa. Fakkii fi viidiyoon ilaale sammuu koo keessa deddeebi’a. Afuraffaa irratti, kanan argadhe fedhiin saalqunnamtii yeroon dhiibbaa adda addaa keessa darbe fakkeenyaaf qormaataan booda, gochaa galgalaa booda yookiin adeemsa dheeraa boodaa fi kan kana fakkaatan.
Walumaagalatti, akkan ani gocha masturbation raawwadhuuf sababiileen jiran kanneen afran akka
ta’an irra gahuu danda’eera. Kan kees tarii kan koo wajjin walfakkaachuu yookiin gargar ta’uu danda’a. Rakkoo hin qabu; wanti baay’ee barbaachisaan sababa mataa keetii irra gahuu danda’uu fi gaaffii isa lammaffaatiif deebii barbaaduu dha.
Masturbation Cubbuudhaa?
Amma, gara kutaalee muraasa macaafa qulqulluu keessaa fudhannee ilaalutti sin geessa. Namoonni tokko tokko macaafni qulqulluun mata duree kana akka calliseetti amanu; garuu akkas miti. Iddoo kanatti gaaffii ijoon (fundamental question) wal wajjin ilaallu masturbation cubbuu ta’uu yookiin dhiisuu isaa miti. Gaaffiin ani gaafachuu barbaadu, “Waaqayyo jireenya kee waliin akka jiru mirkaneeffachuu barbaaddaa?” yoo dhugumaan akkas ta’e, hubannaa fi kadhataan qabxiilee armaan gadii waliin ilaalla.
1. Masturbation Gocha Ejjummaan walqabatudha (Masturbation is an Act of Fornication)
Masturbation gocha ejjaa, halalummaa fi hawwii saalqunnamtii caaffanni qulqullaa’aan hin deeggarre waliin kan walqabatee dha: Mat. 5:28 irratti, “… namni
ija hawwiitiin gara dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” Jedha. Hawwiin akkasii kuni gara cubbuu hojjechuutti kan geessu dha. “Kajeellaan hamaan erga iddoo ga’ee cubbuu dhala; cubbuunis erga raawwatamee du’a dhala.” (Yaq. 1:15)
2. Gochi masturbation fedhii namaa garboomfata (The act of masturbation enslaves desire)
Rom. 6:16 “waan tokko of irratti gooftaa godhattanii harka isaa jala yoo of galchitan isin wanta sanaaf garba akka taatan hin beektaniiree? Cubbuudhaaf yoo abboomamtan du’aaf, Waaqayyoof yoo abboomamtan qajeelinaaf in bultu!”
3. Masturbation dhagna namaa xureessa (Masturbation defiles the body)
Dhagna isa mi’a qulqullummaa Waaqayyo ittiin kabajamuu qabu, hawwii ejjaatiif itti fayyadama: Rom. 6:12-13 “ammas cubbuun warra kajeellaa foonitiif abboomaman akka isin hin godhannetti dhagna keessan isa du’e keessatti isa hin moosisinaa! Bu’aa dhagna keessanii mi’a jal’inaa godhachuudhaaf harka cubbuu jala hin galchinaa! Garuu akka namoota warra du’a keessaa bahanii jireenya argataniitti, Waaqayyoof of kennitanii, bu’aa dhagna keessanii mi’a qajeelinaa godhachuudhaaf harka Waaqayyoo jala galchaa!”
4. Masturbation Gochaa Faallaa Caaffata Qulqullaa’aati! (Masturbation is an Unscriptural Act)
Gochi masturbation shaakaluu dhugumatti faallaa caaffata qulqullaa’aati: 1Phe. 2:11 “Michoota koo! Isin warra ormummaatti jiraattan, warra biyyaa baafamtanis nan gorsa; fedha foonii isa lubbuu keessan lolu irraa fagaadhaa!”
5. Dhumni isaa Balaa Qaba (The End Is Dangerous)
Amala kana yeroodhaan irratti hin dammaqne taanan, sammuun gara shaakala cubbuu miti jechuu fi qulqullummaa hubachuu dhabuutti guddata: Waaqayyo namoota akkasii irraa fagoodha. Rom. 1:28 irratti akkas jedha, “Isaan Waaqayyoon beekuu, dubbii qajeelaatti waan hin lakkaa’iniif, Waaqayyo immoo yaada jal’aadhaa fi waan namni hin hojjenne hojjechuutti dabarsee isaan kenne.”
6. Miira Of-jibbuu Qabaata (Has Feelings of Self-hate)
Sababa masturbation’n namoota baay’etti miirri of qeequu, of jibbuu ni dhaga’ama: 1Yoh. 3:21 “Yaa michoota ko! Garaan keenya yeroo nutti hin faradnettis, Waaqayyo duratti ija-jabina qabna.”
7. Yeroo, Humnaa fi Qabeenya Balleessa (Wastes Time, Energy and Resources)
Masturbation dhimmoota jireenyaa kan biroo, fedhii fi dandeettii akkasumas yeroo, humnaa fi qabeenya balleessuun guddina barbaachisu irraa duubatti akka harkifatan nama godha.
8. Gaa’ela irratti Balaa Qabaata (It’s Dangerous to Marriage)
Masturbation warra gaa’ela dhaabbatan irratti dhiibbaa hamaa geessisuu akka danda’u maddoonni tokko tokko ni eeru. Sababa warri masturbate godhan pornogiraafii ilaalaniif, hiriyaa isaanii waliin gammaduun itti ulfaata; sababni isaa sammuun isaanii ilaalcha ejjummaatiin hiriyaa isaanii porni ilaalan wajjin walbira waan qabaniif.
9. Fedha Hafuuraa Ajjeesa. (It Kills the Spiritual Desire)
Namni gocha masturbation keessatti kufe, fedhii foonii ofii gammachiisuu malee fedha hafuuraa gammachiisuu hin danda’u.
Amma, gaaffii “maaliifan masturbation raawwadha?” jedhuuf deebii kee qopheeffattee jirta. Mee gaaffii tokko irra deebi’ee sin gaafadha, “masturbation cubbuu dhaa?” Deebiin kee EEYYEE, yoo ta’e, kutaa itti aanu waliin yeroo ilaallu ni qabaanna!
Kutaa darbe dubbisuuf asitti bu’aa!
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
Lencho Hika