Dubartii MM Israa’el ajjeesuuf yaalte

Dubartii MM Israa’el ajjeesuuf yaalte

Seenaa dubartii MM Israa’el Netaniyaahuu ajjeesuuf yaalte jedhamuun to’atamtee

Torban lama dura, aanga’oonni tikaafi nageenyaa Israa’el giddu-galeessa Israa’el keessaa dubartii tokko Ministira Muummee Israa’el ajjeesuuf yaalteetti jechuun to’achuusaanii Israa’el Biroodkasting Korporeeshin gabaaseera.

Tajaajilli Nageenyaa Biyya Keessaa (Shabak) dubartii umuriin ishee waggaa 70 ta’e poolisiin gaaffiif barbaada jedhamte to’achuu miidiyaan Israa’el gabaaseera.

Akka gabaasaaleen agarsiisanitti, shakkamtuun kun sochii mormii keessatti kan hirmaatte yoo ta’u, isaan dura meeshaa dhohu fayyadamuun Netaaniyaahuu ajjeesuuf fedhii akka qabdu namootatti himteetti.

Dubartiin kun akkaataa meeshaa waraanaa ittiin argattuufi haala nageenyaa naannoo Ministira Muummee Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuu jirus mariyachuuf rogeeyyii biroo qunnamuun ishee gabaafameera.

Akka gabaasa miidiyaa Israa’elitti dubartiin kun erga to’atamteen booda dhaabbilee mootummaafi waajjira ministira muummeerraa fagaachuu dabalatee of eeggannoo addaan gadhiifamtee turte.

Dubartiin maqaan ishee fi teessoon ishee ifa hin ta’in kun, himannaa shira xaxuufi gocha shororkeessummaa raawwachuuf wixineessuun himatamtee kamisa mana-murtiitti dhiyaachuushee gabaasaaleen bahan ni mul’isu.

Fulbaana darbe, poolisiin Israa’el nama lammii Israa’el ta’e tokko tiki Iraan nama kana gargaaramuun Ministira Muummee Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuu dabalatee aanga’oota ol aanoo ajjeesuuf shira xaxa shakkii jedhuun to’achuu beeksisee ture.


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading