Gocha masturbation moo’achuu kan dandeenyu jalqabatti cubbuu akka ta’e sammuu ofii amansiisuu yookiin yaada raafamaa lama keessaa ba’uu (don’t be double minded)
Qabxiilee Dabalataa fi Qo’annoo Macaafa Qulqulluu
I. Masturbation Maaliif Dogoggora ta’ee? Kutaalee Macaafa Qulqulluu Keessaa
- 1Qor. 6:12 — “Namni, “Anaaf wanti hundinuu dhowwaa hin qabu” jedhu jira; garuu wanti hundinuu immoo isa hin gargaaru; anis, “Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu” nan jedha, garuu waan tokko ana irratti gooftummaa hin godhatu.”
- Mat. 5:27-28 “Yesus, ‘Hin ejjin’ jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” Yaq. 1:13-15 “Namni yommuu qoramu, qoramsi kun Waaqayyo biraa anatti dhufe hin jedhin! Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin danda’u, ofii isaatiis nama tokko illee hamaadhaaf hin qoru. Garuu tokkon tokkon namaa kajeellaa ofii isaatii isa hamaadhaan harkifamee yommuu qabamu in qorama. Kajeellaan hamaan erga iddoo ga’ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga raawwatamee du’a in dhala.”
- 1Qor. 7:9 “Of qabuu hin danda’an yoo ta’e garuu haa fuudhan, haa heerumanis; kajeellaa fooniitiin gubachuu irra fuudhuu, heerumuus in wayya.”
- 1Qor. 7:3-4 “Abbaan manaa jaalalaan haadha manaa isaa bira haa ga’u, haati manaas jaalalaan abbaa manaa ishee bira haa geessu. Haati manaa abbaa manaa ishee malee, dhagna ishee akka jaallatte gochuu hin dandeessu; abbaan manaas akkasuma haadha manaa isaa malee, dhagna isaa akka jaallate gochuu hin danda’u.”
- “Namni mamaa waa nyaatu garuu, amantiidhaan waan inni hin fudhatiniif itti in faradama; wanti amantiidhaan hin hojjetamne hundinuu cubbuu dha. (Rom. 14:23) “Egaa yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa!” 1Qor. 10:31
II. Akkamitti Gocha Masturbation Moo’achuu Dandeenya?
A. Of amansiisuu
Gocha masturbation moo’achuu kan dandeenyu jalqabatti cubbuu akka ta’e sammuu ofii amansiisuu yookiin yaada raafamaa lama keessaa ba’uu (don’t be double minded): Filannoon lama hin jiru. (Yaq. 1:6-8 irratti “Garuu utuu hin mamin amantiidhaan haa kadhatu; namni mamu akka dha’aa galaanaa isa qilleensaan asii fi achi oofamee darbatamuu ti. Namni akkasii gooftaa biraa waa nan argadha jedhee hin eeggatin! Garaan nama akkasii walaallammii dha, yaadni isaas waan hundumaa qabee gad dhiisa malee, iddoo tokko hin dhaabatu.”
Yaq. 4:7-10 — “Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata. Waaqayyotti dhi’aadhaa, innis isinitti in dhi’aata. Isin warri cubbamoonni, harka keessan qulleeffadhaa. Isin warri garaa walaallammii, garaa keessan qulqulleeffadhaa! Akka gadadamtan beekaatii, gaddaa, boo’aa! Kolfi keessan boo’ichatti, gammachuun keessan gaddatti haa diddiiramu! Goofticha duratti gad of deebisaa, inni ol isin in qaba.”
B. Himachuu fi furmaata barbaaduu:
Fak. 28:13 irratti akkas jedha, “Namni irradaddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata.”
1Yoh. 1:9 — “Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal’ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.”
Far. 103:12 “Ba’i-biiftuu lixa-biiftuutii akka fagaatu, innis irra-daddarbaa keenya nuttii in fageessa;”
Mik. 7:9 “Ani Waaqayyoon waanan yakkeef hamma inni dubbii koo ilaalee dhugaa koo anaaf baasutti dheekkamsa isaa isa boba’aa nan baadha; inni gara ifaatti na baasa, ani immoo qajeelina isaa argee nan gammada.”
C. Humnaa fi Jabina Waaqayyoo Gaafachuu — Ayyaana isaa keessa Dhokachuu:
“Inni ayyaana isa caalu immoo in kenna; kanaaf caaffanni qulqullaa’aan, “Waaqayyo warra kooraanii ol of qabaniin in morma; warra gad of deebisaniif garuu ayyaana in kenna” in jedha.” — Yaq. 4:6
D. Ayyaana Waaqayyoo Affeeruu — Yaadolee Hamaa irraa Fagaachuu:
Rom. 6:14 — “Isin seera jalatti qabamtanii kan jiraattan utuu hin ta’in, ayyaana Waaqayyoo jala waan jiraattaniif cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabaatu.” (1Qor. 6:9-11; 1Yoh. 5:4-5; 3:9)
2Phe. 1:3-4 — “Nuyi, Waaqayyo isa ulfina isaa fi humna isaa isa dinqisiisaadhaan nu waame beekuu bira ga’uudhaan wanta nu barbaachisu hundumaa arganneerra. Gooftaan humna waaqayyummaa isaatiin gara jireenyaatti nu geessuuf, namoota Waaqayyoo nu godhachuudhaaf kana hundumaa nuuf kenneera. Kennaa kanaan isin badiisa, isa sababii kajeellaa fooniitiif biyya lafaa kana keessa jiru jalaa baatanii, dhagna hafuuraa isa kan Waaqayyoottii hirmaattuu akka taataniif abdiin gati-jabeeyyiinii fi gurguddoonni nuuf kennamaniiru.”
E. Kadhata Hafuuraa Keessatti Hirmaachuu — Kristosin Hogganamuu:
“Ani muka waynichaa ti, isin immoo damoota isaa ti; inni anatti qabatee jiraatu, anis isatti jiraadhu, isa ija baay’ee kan godhatu; anattii gargar baatanii waan tokko illee gochuu hin dandessan.” (Yoh. 15:5) Akkasumas (Yaq. 4:6; 1Phe. 5:5)
F. Caaffata Qulqullaa’aa Yaadachuu, Hubachuu fi Xinxaluu:
Yoh. 17:17 — “Dubbiin kee dhugaa dha, dhugichaan isaan qulqulleessi.” Far. 119:11 akkas jedha, “Akkan si hin yakkineef waan ati jette garaa koo keessa kaa’adheera.” (2Xim. 3:16-17; Ibr. 4:12). Mata duree walqabatoo dubbisi!
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
Pornography irraatti hin hojane obbolessaa Koo