Ajajaan Waraanaa Haaraa Iraan Ajjeeffamuu Himame

Ajajaan waraana Iraan

Ajajaan Waraanaa Haaraa Iraan Ajjeeffamuu Himame. Waraanni Israa’el ”ajajaa olaanaa yeroo waraanaa” Iraan haaraa muudame ajjeesuu hime.

Odeeffannoo Addaa

Humni waraanaa Israa’el ajajaa olaanaa waraana Iraan kan yeroo waraanaa kana keessa haaraa muudame ajjeesuu ibse.

Alii Shadmaanii ajajaa gameessa waraana Israa’el yoo ta’u erga haleellaan Israa’el eegalee ajajaa olaanaa waraana Iraan ta’uun tajaajilaa ture.

Qondaalli waraanaa Iraan kun hooggana isa dura ture kan Jimaata darbe ajjeefame booda akka waraana hooggananiif muudame, garuu guyyoota muraasa booda ajjeefame.

Shadmaniin giddugala karoora waraanaa baasu, kan yeroo haleellaan mudataa jirutti ga’ee olaanaa gumaachutti ajajaa olaanaa ta’uun muudamee ture.

Giddugalli kun oppireeshinii waloo IRBC fi waraana idilee Iraan kan qindeessudha.

Hogganaa Waraana Duraanii

Erga namni isa dura hoogganaa ture Gholamali Rashid Jimaata darbe ajjeefamee muudame.

Ajajaan waraanaa haaraa iraan ajjeeffamuu himame kuni yeroo waraanaa kanatti dirqamni itti kenname, qondaala olaanaa bulchaa biyyattii waliin hariiroo cimaa qabu ture.

Haleellaa Jimaata Darbeetin

Israa’el haleellaa Jimaata darbe eegalteen ajajoota waraanaa olaanoo fi saayintistoota Iraan hedduu ajjeeste.

Ammas aanga’oota mootummaa fi waraanaa biyyattiirratti xiyyeeffachuun haleellaa itti fufteetti.

Haleellaa misaaelaa

Haleellaa misaa’elaa Iraan halkan edaarraa kaastee Israa’el irratti gaggeessiteen hanga ammaa namoonni 154 miidhamanii hospitaala galuu Ministeerri Fayyaa Israa’el beeksise.

Haleellaa biyyoonni lachuu walirratti gaggeessaa jiraniin gama lachuuyyuu lakkoofsi namoota du’aniifi miidhamanii dabalaa jira.

Misniteerri Fayyaa Iraan akka beeksisetti, haleellaa Israa’el gaggeessaa jirtuun hanga ammaa namoonni 224 yoo du’an, namoonni 1,200 ammoo madaa’aniiru.

Gama Israa’elii ammoo haleellaa misaa’elaa Iraan gaggeessituun hanga ammaa namoonni 24 du’aniiru.

Ministeera dhimma alaa Israael

Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Geediyoon Sa’aar Iraan keessatti mootummaa jijjiruun kaayyoo tarkaanfii waraanaa IDF miti jedhe. Bu’aa isaa ta’uu mala, garuu kaayyoo miti jedha.

Yaadni kun kan kenname magaalaa Giddugaleessa Israa’el Rishoon Leeziyon kan haleellaa Iraaniin rukutamte daawwannaa taasisaa wayita turettidha.

Sa’aar gaazexeessitoota achitti walitti qabamanitti akka himanitti, Israa’el kaayyoowwan ijoo sadii qabdi: “Hunda dura sagantaa niwukilaraa [Iraan] akka malee miidhuu – kana mmallee hin xumurre.”

Sa’aar itti dabaluun, “ammallee waan irratti xiyyeeffanne qabna,” xiyyaaronni waraanaa Israa’el amma qilleensaa Iraan irratti olaantummaa akka qaban hime.

Kaayyoon Israa’el inni lammaffaan: ”sagantaa misaa’ela balistikii mootummaa Iraan haalaan miidhuu” fi dhumarratti ”karoora mootummaa Israa’el dhabamsiisuuf qophaa’e haalaan miidhuu” akka ta’e dubbate. Dhimmoota walqabatoo dubbisaa

 


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading