Buufataalee Nukilaraa Iraan meeqatu haleelaman? Eessafaatti argamu? Suuraaleen saatalaayitii qoodame, buufataalee nukilaraa Iraan lameen fi buufataalee waraanaa haleellaa Israa’eliin miidhaman agarsiisan.
Odeeffannoo Saatalaayitii
Suuraleen qaamolee suuraa saatalaayitii kaasan lamarraa argaman buufataaleen nukilaraa Natanz akkasumas iddoon handhuura misaa’elaa kibba Tabriz guddoo miidhamuu agarsiisu.
Magaalaan Tabriz haleellaa jalqaba, Jimaata, Israa’el Iraan irratti raawwatteen haleelame.
Suuraaleen kaan buufataaleen misaa’elaa biyyattii bebbeekamoon haleelamuu mul’isaniiru.
Israa’el ammallee iddoowwan ijoo ta’an irratti qiyyaafattee Iraan haleeluu cimsiteetti. Kun ammoo Iraan cimsitee akka haaloo baatu taasiseera. Kanaan muddamni biyyoota lameen gidduutti hammaate.
Buufataalee nukilaraa Iraan
Jaarmiyaan teeknooloojii Maxar jedhamu kan suuraalee saatalaayitii kunneen kaase miidhaa buufataalee nukilaraa Natanz fi Isfahan keessatti argaman irra ga’e qulqulleessee agarsiiseera.
Akka suuraalee saatalaayitii jaarmiyaa kanaatti buufata Natanz keessatti kutaaleen oomisha boba’aa fi buufati anniisaa maddisiisu miidhameera.
Buufata nukilaraa guddicha kana keessaa kutaaleen kunneen miidhamuu xiinxalee kan adda baase Inistitiyuutii qorannoo Saayinsii fi Nageenya Idiladdunyaa (ISIS) jedhamu.
Xiinxalli kun kan duraan suuraa raadaariin agarsiifame hordofee kenname, wal deeggaras.
Hoogganaan Ejensii Anniisaa Atoomawaa
Jimaata darbe hoogganaan Ejensii Anniisaa Atoomawaa Idiladdunyaa Raafaa’el Giroosii akkas jechuun Mana maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti himanii turan.
Bakka Yuraaniyemii Iraan
”Bakki Iraan yuraaniyemii itti gabbisaa jirtu kan lafa irraa barbadaa’eera. Bakka manca’e kanatti Iraan yuraaniyemii niwukilaraaf barbaachisu, U-235, bira ga’uuf dhibbeentaa 60 gabbisteetti.”
Buufataalee anniisaa nukilaraafis ta’e meeshaalee waraanaa nukilaraa oomishuuf yuraaniyemiin sadarkaa U-235 jedhamu kanatti gabbachuun dirqama.
Haleellaa booda suuraan mirkanaa’e bakka kanarraa wayita aarri samiitti ol ka’u agarsiisa.
Jaarmiyaa Royal United Services Institute (RUSI) jedhamurraa kan dubbate Jastin Biroonk, waliigalatti, dhohiinsa mudate yoo ilaallu ”boombiin humna cimaa qabu dhoosee seenuu hubanna. Tarii gosa GBU-31(V)3 yookiin ammoo kanarra baayyee balaafamaa kan ta’e GBU-28 kan jedhaman,” jedhe.
Giddugala Teknooloojii Nukilaraa Isfahan
Giddugalli kun iddoo itti yuraaniyemiin gabbate gara anniisaa nukilara oomishuuf gargaarutti geeddaramudha.
Yuraaniyemiin buufataalee Natanz fi Fordow jedhamaniif gargaru- uranium hexafluoride (UF6) jedhamu asitti oomishama.
Carallaawwan (reactors) niwukilaraa oomishuufis ni gargaara. Buufata Bushehr dabalatee jechuudha.
Onkoloolessa 2023 Iraan giddugala qorannoo kanatti damee afraffaa banuuf akka jirtu beeksistee turte.
Buufataalee misaa’elaa/Raadaaii
Suuraalee fi xiinxalli gaafa Jimaataa jaarmiyaa Umbra Space jedhamurraa argaman magaalaa kaaba lixa Iraan, Tabriz keessatti buufataaleen misaa’elaa ijoon haleelamuu mul’isan. Kuusaan meeshaalee waraanaa, iddoon misaa’eloonni dhokfaman fi gamoowwan mankuusaa meeshaalee waraanaa ta’an hedduun kanneen haleelamanidha.
Mataduree walqabatan dubbisaa
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.