Ofii Kee Dubbii Waaqayyoo Keessatti Ofeegi
Onneen kee duwwaa taa’uu hin danda’u; dubbii Waaqayyootiin guutuu yoo baatte, wantoonni biroo iddoo qabatu. Kanaafiyyuu dubbii Waaqayyoo keessatti ofeegi!
Qol. 3:6 “Sababii wanta kana hundumaatiif dheekkamsi Waaqayyoo [warra isaaf hin abboomne irratti] in dhufa.” Far. 119:9 “Dargaggeessi maaliin adeemsa isaa qullaa’ummaatti eeguu danda’a? Akka dubbii keetti adeemsa isaa qajeelfachuudhaan eeggachuu in danda’a.”
Kadhata Garaa Irraa Madde Kadhachuu fi Of-kennuu
Mat. 6 keessatti, kadhata Waaqayyoo keessaa, himni tokko “qoramatti nu hin galchin; hamaa nu oolchi malee” jedha. Mat. 26:36-46 keessatti Gooftaa Yesus gara iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamutti kadhata garaa irraa madde yommuu kadhatu ni argina. Bartoonni isaa immoo rafanii isaan arge. Yesus Kristos kadhataan yommuu mo’atu, Phexros immoo si’a sadi isa gane, sababni isaa kadhatatti dadhabee waan tureef akka ta’e kutaa kana irraa ni hubanna. Kadhanni muddama nutti dhufe mo’achuu akka dandeenyuuf humna cimaa nuuf kenna.
Muddama si mudate irratti Waaqayyoon yommuu waamattu, inni si oolcha. Hariiroo gaarii hafuura qulqulluu waliin yoo qabaatte, akkuman armaan olitti ibse, Waaqayyoon kadhachuu keetti dhuguma ni gammadda.
Ganama yeroo hundumaa akkuma hirriiba irraa kaateen Waaqayyoon kadhadhu, muddamatti akka hin galle akka si eeguuf; dhugumatti Waaqayyo kadhata kee siif deebisa.
Dhuma Irratti Waa’ee Wal’aansoo Keessa Jirtuu Nama Itti Himtu Qabaadhu
Mammaaksa baay’ee beekamaan tokko, akkas jedha, quba miidhame tokko uffata kee keessa dhoksuu hin dandeessu, yoo akkas goote, quba sana dhabuudhaan xumurta; garuu yoo akka mul’atu goote, nama si gargaaruu danda’u argatta.
Kanaafuu ejjaa fi masturbation waliin; nama amanamaa tokko si barbaachisa, kiristaana hubannoon guddate. Namtichi tarii gaggeessaa waldaa kiristaanaa keessanii ta’uu danda’a. Angafa kee yookiin fira kee ta’uus danda’a.
Wal’aansoo keessa jirtu itti himuun kee kallattii ittiin furmaata argattu jalqabuu keeti. Nan beeka, kuni itti gaafatamummaa fudhachuu fi wanta salphaa miti. Itti hin dhiphatin! Anis itti gaafatamummaa nan fudhadha, akkasumas daandii milkaa’ina kooti! Namni tokko dhugumatti akkas jedheera, “Akka siif dhiifamu yoo barbaadde, cubbuu kee Waaqayyotti himadhu; garuu akka fayyitu yoo barbaadde, nama biraatti himadhu.”
Yaq. 5:16 “Yoos dhukkubattii akka fayyifamtanitti cubbuu keessan walitti himadhaa, waliifis kadhadhaa!
Kadhannaan nama qajeelaa waan baay’ee hojjechuu in danda’a.” Nama sirriitti amantu tokko filadhu; nama dadhabina walfakkaataa si waliin hin qabne; Nama sanaaf hanga inni si gargaaruu danda’utti, hariiroo Waaqayyo waliin qabdu hamma cimsutti banaa ta’iif.
Yaadadhu, cubbuun dukkana keessa dhokachuu jaalata, garuu ifatti yommuu bahu humna dhabaa adeema. Kanan si jajjabeessu kophaatti akka hin duune, diina kee dhoksitee hin kunuunsin ifa baasii of irraa loli! Mata duree walfakkaataa dubbisi!
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.